Description
Ani musliima
hiikkaa biroo 51
Topics
Ani musliima
Dr. Muhammad Ibraahim alhamdiitiin barreeffame
Ani muslima jechuun amantaan kiyya islaamaa jechuudha.Islaamummaan jecha guddaa kabajamtuu Nabiyyoon -nagaan isaan irra haa jiraatu- jalqaba isaani irraa hanga xumura isaaniitti walirraa ishee dhaalaa dhufaniidha.Jechi tuni hiikaa guddaa fi namuusa guddaa baatti;Hiikni isheetis uumaadhaaf harka kennuu, masakamuu fi isaan buluu jechuudha.Ammas hiikni ishee nagaa, nageenya, milkii, dhuunfaa fi hawaasaaf boqonnaa jechuudha.
Kanaaf jecha jechoonni Al-salaami fi wol islaam jedhan shari'aa islaama kessatti dhufuudhaan irra hedduu jechootaa ta'an.Al-salaam jechuun maqoottan Rabbii keessaa maqaa tokko,Kabajan(salaamataan) muslimootaa gidduu saaniitti isheen Al-salaami,Akkasumas kabajaan warra jannataa (salaam) jechuudha.Muslimni dhugaa nama mislimoonni arraba isaa fi harka isaa irraa nagaa ta'aniidha;Islaamumman amantaa nomoota hundaaf toltuudhaan dhufe; kanaafuu inni isaanif ni bal'ata, akkasumas addunyaa fi aakhiraa keessatti karaa milkii isaaniti.Kanaaf jecha xumuraa, wolitti qabataa, bal'aa, ifa galaa fi hundaafuu banaa ta'ee dhufe, gosa tokko gosa tokko irraa adda hin baasu, akkasumas bifa tokko bifa tokko irraa adda hin baasu, inumaahuu dhala namaa hunda ija tokkoon ilaala.Islaamummaa keessatti namni tokkooyyuu adda hin ba'u likkii barsiisa isaa fudhateen malee.
Kanaaf jecha lubbuun sirrii hundinuu isa ni fudhatti; isaatu dhugumatti uumamaan walii gala.Hundi ilma namaa toltuu, haqaa fi bilisummaa irratti uumamuun dhalata, akkasumas Rabbii isaa jaallataa fi dhugumatti nama biraa osoo hin taane isuma qofaatu gabbaramaa ibaadaa haqa godhatu akka ta'e raggaasisaa ta'ee uumamuun dhalata;Uumama kana irraa tokkoon namaa gara hin garagalu yoo garagalchaa uumama kana jijjiiruun ta'e malee.Amantii kana Uumaa, Rabbii fi gabbaramaa namootatu namootaaf isa jaallate.
Amantaan koo isalaamaa dhugumatti akka ani addunyaa kana keessa jiraadhuu fi booda du'a kootitii gara ganda biraatti akkan godaanu na barsiisa, ganadi sun immoo ganda hafiinsaa kan ishee keessatti deebiin ilma namaa gara jannataa, ykn gara ibiddaatti ta'uudha.
Amantaan koo islaamaa waanin ani itti ajajamuu qabutti na ajaja, akkasumas waanin ani irraa dhoorgamuu qabu irraa na dhoorga;Yoonin ajajoowwan sanaan dhaabbadhee, dhoorgaawwan sana irraa fagaadhe addunyaa fi aakhirattis ani nin milkaa'a,yoonin immoo ishee keessatti hanqina, ykn talisummaa qabaadhe haguma hanqina ykn talisummaa kootitiin addunyaa fi aakhiraa keessatti hoongoon na mudata,
Irra guddaan waan islaamummaan itti na ajajee Rabbiin tokkichoomsuudha;Ani ragaan ba'a, iimaana mirkanaawaa ta'e nan amanaasi dhugumatti Allaahaan uumaa kiyyaa fi gabbaramaa kiyya akka ta'e;Rabbiin malee waan biroo hin gabbaru; Isa aalalaaf jecha, adabbii Isaa sodaaf jecha, sawaaba Isaa kajeelee Isa irratti hirkachuuf jecha.Toohidni sun Rabbiif tokkichummaan ragaa ba'uu fi Nabiyyii Isaa Muhamadiif ergamaa Isaa ta'uu isaanii ragaa ba'uu keessatti argama;Muhammad -nagaa fi rahmanni irratti haa jiraatu- xumuraa Nabiyyotaati, Rabbiin aalamaaf rahmata godhee isaan erge, nubuwwuummaa fi ergoowwaan isaanin xumure; kanaafuu booda isaanitii Nabiyyiin tokkolleen hin jiru.Dhugumatti amantaa walii galaa kan yeroo hunda, bakka hundaa fi ummata hundaaf miijjataa ta'een dhufaniiru.
Amantaan kiyya Malaa'ikotaa fi hunda Ergamtootaatti amanutti ajaja mamii tokko hin qabne na ajaja, mata dureen isaanii Nuuh, Ibrahim,muusaa, Iisaaa fi Muhammadi -Nageenyi isaan irra haa jiraatu-
Akkasumas kitaabbowwan samii kan Ergamtoota irratti bu'anitti amanuu fi xumura isaanii, goolabbii isaanii fi irra guddaa isaanii hordofutti ni ajaja, Innis Qur'aana kabajamaadha.
Amanataan kiyya guyyaa xumuraa; kan namoonni isa keessatti hojiiwwan isaanii irratti mindaa galfamanitti amanutti na ajaja.Akkasumas qadaratti amanuu, toltuu fi hamtuu irraa ta'ee waan jiruu addunyaa tana keessatti na mudatu jaallachuu fi sababoowwan milkii qabachutti na ajaja.
Qadaratti amanuun boqannaa, tasgabbii, obsaa fi waan darbe irratti gaabbuu dhiisuu naaf kenna;Dhugumatti qadaratti wanti na tuqe na bira hin dabruu, wanti na bira dabree immoo kan na tuqu hin taanee beekumsa mirkanaawaa ta'e waan ani beekuufi;Wanti hundinuu Rabbiin biraa qaddaramaa fi barreeffamaadha, kanaaf anarra kan jiru sababoota geessuu qofaa fi waan sana booda ta'u jaallachuudha.
Islaamummaan hojiilee gaggaari fi amalota gurguddoo Rabbii kiyya jaallachiisan, kan lubbuu kiyya qulqulleessan, kan qalbii kiyya gammachiisan, kan qoma kiyya baldhisan, kan karaa kiyya ibsanii fi kan hawaasa keessatti miseensa fayyadaa ta'e na taasisan irraa waan lubbu kiyya qulqulleessutti na ajaja.
Irra guddaan hojiilee sanii: Rabbin tokkichoomsuu, guyyaa fi halkan keessatti salaata shanan gadi dhaabuu, zakaa qabeenyaa kennuu, wagga keessatti ji,a takko soomuu, innis ji,a ramadaanaati, nama hajjii danda'eef mana kabajamaa makkaan keessatti argamu ziyaaruudha (hajjii godhuudha).
Waan qoma baldhisu keessaa irra guddaan waan amantiin kiyya itti na qajeelchee Qur,aana haasawa Rabbii, irra dhugaa haasawaa, irra bareedaa haasawaa, irra guddaa haasawaa fi irra kabajamaa beekumsa worra duraa fi boodaa wolitti qabataa ta'e dubbisuu heddummeessuudha.Dubbisuun isaa, yookiin dhaggeeffachuun isaa tasgabbii, boqonnaa fi milkiidha qalbii keessa seensisa, osoma dubbisaan, ykn dhaggeeffataan afaan arabaa kan hin beekne ta'ellee, ykn muslima ta'uu baatellee.
Irra guddaa waan qoma namaa baldhisu keessaa: Rabbiin kadhachuu heddummeessuu, gara isaa baqachuu fi waan xiqqoo fi guddoo hunda isa kadhachuudha;Rabbiin nama isa waammatee fi gabbara isaaf qulqullesseef ni owwaata.
Irra guddaan waan qoma namaa baldhisuu Rabbiin -injifate ol ta'e- yaadachuu (zakkaruu) heddummeessuudha.
Nabiyyiin kiyya -nagaa fi rahmaani irratti haa jiraatu- gara akkaataa zikrii Rabbiitti dhugumatti na qajeelchaniiru, akkasumas irra caalaa waan Rabbiin ittiin zakkaramuu na barsiisaniiru.San irraa: jechoota afran eega Qur'aanaatii irra caalaa haasawaa ta'annidha, isaanis: (Subhaanallaah, wal hamdu lillaah, wa laa ilaaha illallaah, wallaahu akbar) jechuudha. hiikni isaanis: "Rabbiin qulqullaa'e, faaruun kan Rabbiti, haqaan gabaramaan Rabbiin malee hin jiru, Rabbiin waan hunda irra guddaadha" jechuudha.
akkasuma (Astagfirullaah, wa laa howla walaa quwwata illaa billaah) jechuun. hiikni isaas: "Rabbirran araarama barbaada, mallii fi humni Rabbiin malee hin jiru" jechuudha.
Jechoonni kunniin baldhina qomaati fi tasgabbiin qalbii keessatti bu'uu keessatti dhiibbaa ajaa'ibaati qabu.
Islaamummaan sadarkaan ol fuudhamaa fi waan namummaa fi kabajaa kiyya buusu irraa fagaataa akkan ta'u na ajaja.Akkasumas Islaamummaan ani sammuu kiyyaa fi qaama kiyya waan ani isaaf jecha uumame hojii diinii fi duuniyaa kiyya keessatti na fayyadu keessatti akkan itti fayyadamu na ajaja.
Islamummaan rahmatatti, amala gaarii qabaachutti, dalagaa toltutti, gochaa fi jechaan waanan danda'uun ummatatti tola oolutti na ajaja.
Haqa uumamaa keessaa irra guddaan waan ani itti ajajamee haqa hadhaa fi abbaati; Amantiin kiyya isaanitti tola ooluu, toltuu isaaniif jaallachuu, isaan gammachiisuuf bololuu fi faaydaa isaaniif kennuutti na ajaja, keessattuu yeroo isaan dullooman;Kanaaf jecha haadhaa fi abbaa hawaasa islaamaa keessatti ullfinaaa fi kabajaa keessatti sadarkaa olfuudhamaa ta'e irratti agarta, akkasumas ilmaan isaaniitiin tajaajilamuu keessatti agarta!Haadhaa fi abbaan lakkuma umriin manguddomaniin, yookiin dhukkubsataniin, yookiin dadhabaniin ilmaan isaanii isaanitti tola ooluun ni dabala.
Amantaan kiyya dubartiin dhugumatti kabajaa guddaa fi haqoowwan gurguddoo akka qabdu na barsiise;Dubartoonni islaamummaa kessatti obbolewwan dhiirotaati, irra caalaan namaa nama maatii isaatiif irra caalaa namaa ta'eedha.Dubartiin muslimaa ijoolummaa ishee keessatti haqa hodhuu, kunuunfamuu fi haqa guddisa ishee tolchuutu isheedhaaf jira, isheenis yeroo sanatti haadhaa fi abbaa isheetif, akkasumas obboleyyan isheetiif gammachuu ijaati fi firii onneeti.
Yeroo guddattetti isheen ulfeeffamtuu fi kabajamtuu ittii gafatamaan ishee ishee irratti hinaafuu fi kunuunsa isaatiin ishee marsudha.Harki kamuu hamtuun ishee tuquu, arrabni tokkolleen rakkinaan ishee ishee dubbatuu fi ijji tokkolleen gantummaan ishee ilaaluu hin jaallatu.
Yoo heerumtees heerumuun ishee jecha Rabbiitii fi waadaa Isaa kan akkaan jabaa ta'een ta'a.Mana abbaa warraa ishee kessatti irra kabajamtuu ollaa taateeti jiraatti.Abbaa warraa ishee irratti ishee kabajuun, tola itti ooluu fi cinqii irraa deebisuun dirqama ta'a.
Yeroo haadha ilmaani taate tola ishetti ooluun haqa Rabbii -ol ta'e- tiin walitti qindaawaadha, ishetti jallachuunii fi ishetti balleessuun Rabbiitti sharrakuu fi dachii keessatti badii hojjachuudhaan walitti qindaawaadha.
Yoo obboleettii taate immoo isheen ishee muslimni ishee maxxanfachuutti, ishee kabajuu fi ishee irratti hinaafuutti ajajameedha.Yoo haboo taate immoo isheen tola itti ooluu fi maxxanfachuu keessatti sadarkaa haadhaatti jirti.
Yoo akkayoo taate, ykn umriin nama guddaa yoo taate gatiin ishee ilmaan ishee, ilmaan ilmaan ishee fi firoota ishee mara biratti ni dabala; ajajni ishee kan deebifaamu hin ta'u, yaadni ishees hin tuffatamu.
Yoo nama irraa fagoo taatee firummaan, ykn ollummaan kan isheetti hin dhihaanne ta'e cinqii irraa deebisuu, ija irraa gadi qabchuu fi kan kana fakkaatu keessatti haqa islaamummaa kan walii gaalaa qaba.
Hawaasowwan muslimootaa dirqamoowwan kana eegumsa dhugaa eeguu hin dhiifne, kun immoo dubartiif gatii fi bakka hawaasowwan muslima hin tahin biratti isheedhaaf hin argamne taasiseef.
Eegasii dhugumatti dubartiif islaamummaa keessatti haqa qabeenya horachuu, kireeffachuu, gurguruu, bituu fi hunda waan walii galteen hojjetamuu ni qabdi, akkasumas haqa baratuu, barsiisuu fi waan amantii ishee hin faallessine hojjechuu ni qabdi.Inumaayyuu dhugumatti barumsa irraa waan tokko tokkoon nama hunda irratti dirqama ta'u, kan namni isa dhiise dhiiras ta'ee dubartiis yakkamaa tu'uutu jira.
Inumaayyuu dhugumatti isheedhaaf waan dhiiraaf jiruutu jira, waan dhiiraan alatti ittiin adda baatu malee, ykn waan dhiironni dubartiin alatti ittiin adda ba'an malee, sunis haqoowwanii fi murteewwan isaan lachuuf (dhiiraa fi dubartiif) akkaataa inni bakka isatti adda baafamee jirutti maluudha.
Amantaan kiyya obboleewwan kiyya, obboleettiwwan tiyya, abbeerowwan kiyya, adaadowwan tiyya, eessumman kiyya, haboowwanii fi hunda firoottan kiyyaa jaallchuutti na ajaja, akkasumas haqa haadha manaa kiyyaa, ilmaanii fi olloowwan kiyyaa bahachuutti na ajaja.
Amantaan kiyya beekumsatti na ajaja, akkasumas hunda waan sammuu kiyya, haalaa fi yaada kiyya dagaagsuutti na kakaasa.
Akkasumas saalfiitti, obsatti, arjummaatti, gootummaatti, ogeessummaatti, ulfinatti, amaanaatti, uf gadi qabuutti, waan hin taane irraa tiffamuutti, qulqullinatti, beellama guutuutti, ilma namaatiif toltuu jaallachuutti, rizqii barbaaddachuuf carraaqqachuutti, miskiinotaaf rifachuutti, dhibamaa gaafachuutti, waadaa bakkaan gahuutti, haasaa toluutti, fuula ifaan namootaan wal qunnamuuttii fi waanan danda'uun isaan gammachiisuuf bololuutti na ajaje.
Faallaa sanaatiin immmoo Amantaan kiyya wallaala irraa na baqachiisa, kufurii irraa, ilhaada irraa, badii irraa, waan fokkataa irraa, sagaagalummaa irraa, uumama faallessuun dhiirri dhiiratti dhalaan dhalaatti fedhii baafachuu irraa, boona irraa, waanyoo irraa, jibbaa irraa, yaada hamaa irraa, faalkaa laallachuu irraa, gadda irraa, kijiba irraa, abdii kutuu irraa, doqnummaa irraa, taati'oo irraa, luynummaa irraa, hojii dhiisani taa,uu irraa, dallanuu irraa, miira keessa galuu irraa, gowwummaa irraa, namatti balleessuu irraa, faaydaan maletti haasaya baayyichisuu irraa, iccitii facaasuu irraa, ganuu irraa, beellama diiguu irraa, haadhaa fi abbaatti jallachuu irraa, fira kutuu irraa, ijoolleef dantaa dhabuu irraa, ollaa fi akka walii galaatti uumama miidhuu irraa na dhoorgeera.
Akkasumas islaamummaan waan nama macheessu dhuguu irraa, waan sammuu namaa hadoochaa fudhachuu irraa, qabeenyaan qumaaruu irraa, hanna irraa, nama gowwomsuu irraa, nama sodaachisuu irraa, nama basaasuu irraa fi hamtuu namaa hordofuu irraa na dhoorga.
Amantaan kiyya islaamaa qabeenya tiksa, sana keessa immoo nageenyaa fi tasgabbiii facaasuutu jira; kanaaf jecha amaanaatti nama kakaasee, warra amaanaa jebeessu faarsee, jireenya bareedaadhaa fi jannata seenuu isaaniif waadaa gale, hanna immoo haraama godhee, nama hatu duniyaa fi aakhiratti adabbiin sodaachise.
Amantaan kiyya lubbuu namaa ni tiksa, kanaaf jecha haqaan maletti lubbuu takka ajjeesuu fi namoota irratti gosa kamiinuu daangaa darbuu osoma jechaanillee ta'ee haraama godhe.
Inumaayyuu namni tokko lubbu ofirratti daangaa darbuu dhoorgaa godhe; ilma namaatiif sammuu isaa balleessuu, ykn fayyaa isaa dhabamsiiisuu, ykn lubbuu isaa ajjeesuu hin eeyyamneef.
Amanataan kiyya bilisummaa of naa qaba, garuu tooratti ishee galcha;Ilmi namaa islaamummaa keessatti yaada keessatti, gurgurtaa keessatti, bittaa keessatti, daldala keessattii fi sochiii isaa keessatti bilisa, akkasumas babbareedduu jireenyaa nyaata, ykn dhugaatii, ykn uffannaa, ykn waan dhaggeeffatamuun qanani'uu keessatti bilisa, hanga haraama miidhaan isatti, ykn nama biraatti deebi'u hin hojjetinitti.
Amantaan kiyya bilisummaatti namuusa godha; eenyuunuu nama biraa irratti daangaa akka darbu hin eeyyamu, akkasumas qanani'uu isaa keessatti haraama qabeenya isaa, gammachuu isaati fi namummaa isaa dhabamsiistutti bobba'uu hin eeyyamu.
Gara warra waan hunda keessatti lubbuu isaaniitiif bilisummaa gadi dhiisanii, fedhiiwwan adda addaa irraa waan isheen feetu hunda dhoorgaan diinii, ykn aqlii isaan deebisuun maletti isheedhaaf kennanii osoo ilaaltee silaa dhugumatti isaan irra gadi aantii sadarkaa hongoo fi dhiphinaa akka jiraataa jiran agarta, gariin isaanii of dhabmsiisuu akka barbaadan agarta; yaaddoo irraa of baraaruuf jecha.
Amantaan kiyya nyaata, dhugaatii, hirribaa fi nama haasofsiisuu keessatti irra ol aanaa namuusaa na barsiisa.
Amantaan kiyya gurgurtaa, bittaa fi haqoowwan ofii barbaaduu keessatti laaffisuudha na barsiisa.Ammas warra amantaa keessatti na faallessu waliin dhiifama akka waliif goonu; akkan isaan hin miine, isaanittillee akkan hin balleessine, inumaayyuu tola akkan isaaniiif ooluu fi kheyriin isaan qaqqabuu akkan hawwuu amantaan kiyya na barsiisa.
Seenaan muslimootaa warra isaaniin wal faallessaniin waliin irra waliif darbuu ummanni isaaniin duraa takkalleen hin beekin akka irra waliif daraban ragaa isaaniif baha.Dhugumatti muslimoonni ummatoota amantaa garagaraa waliin jiraataniiru, hooggansa muslimootaa jalas galniiru; muslimoonni hundaan waliin irra gaarii waliin hojjechuu ilmaan namaa giddutti ta'u irratti turan.
Walumaa galatti dhugamatti amataan kiyya islamummaan naamusa gaggaarii irraa, haala gaariin namaan waliin jiraachuu irraa, kabajaa fi amala garii qabachuu irraa waan jireenyi kiyya isaan qulqullaa'u fi gammachuun kiyya isaan guutamu na barsiise.Waan jireenya kiyya booressuu fi haala hawaasummaa, ykn lubbuu, ykn sammuu, ykn qabeenya, ykn ulfina, ykn naamusa miidhu hunda irraa na dhoorgeera.
Hanguman barsiisa sana fudheen gammachuun kiyya guddata.Hanguman ishee dhiisee fi waa tokkoo ishee irraa ta'e keessatti talisoomeni hanguman barsiisa sana irraa hirdhiseen gammachuun kiyyas hirdhata.
Wanni darbe ani tiffamaa hin dogongorre, hin talisoomu jechuu miti, amantaan kiyya haala kiyya namummaa fi dadhabbii kiyya yeroo garii ilaalcha keessa naaf galcha, dogongorri, hirdhinni, waajiba dhiisuun narraa ni argama; kanaaf jecha balbala towbaa, araarama barbaaduu fi gara isaa deebi'uu naaf bane; towbaan faana hirdhina kiyyaa ni haqxi, sadarkaa kiyya Rabbiin biratti olfuuti.
Hundi barsiisa amantii islaamaa aqiidaa, amala, namuusaa fi waliin hojjechuu maddi isaa qur,aana kabajamaa fi sunnaa qulqulluudha.
Xumura irratti jala sararee mamii tokko malee nan jedha: namni kamuu adduunyaa keessaa bakka kamittuu osoo dhugummaa amantaa islaamaa ija haqaa fi bilisaatiin irra gahee argee isa fudhachuu malee filannoo biraa hin qabu, garuu rakkinni dhugumatti amantaan islaamaa himannaawwan sobaatu, ykn hojiiwwan garii warra isatti of hirkisanii kanneen isa hin qabanneetu maqaa isaa balleesse.
Tokkoon namaa osoo maalummaa isaa akka inni jirutti, ykn haalawwan warra dhugaan isaan dhaabbatanii osoo ilaalee silaa isa qeebaluu fi isatti seenuu irraa booda hin deebi'u.Dhugumatti islaamummaan gara gammachuu ilma namaatti, gara nageenyaa fi tasgabbii buusuutti, akkasumas haqaa fi tola ooltummaa facaasuutti akka waamutu ifa isaaf ta'a.
Jallinoonni garii nama islaamummaati of hirkisuu immoo -xiqqaatus heddummaatus- haala kamiinuu amantaa irratti lakkaa'amuun isaa, ykn isaan xureeffamuun gonkumaa hin ta'u, inumaayyuu inni ishee irraa qulqulluudha.Itti gaafatamummaan jallinaa warruma jallate mataa isaanitti deebiti; sababni isaas islaamummaan sanatti isaan hin ajajne; inumaayyuu waan inni ittiin dhufe irraa jallatuu isaan dhorgee jira.
Ergasii dhugumatti haqummaan haala warra dhugaan amantiin dhaabbatanii, kanneen ajajoowwan isaatii fi murtoowwan isaa lubbuu ofiitiifi kan biraa irratti hojii irra oolchanuu keessa ilaaluudha murteessa; dhugumatti inni sun diinii kanaa fi warra isa hordofuuf guddisaa fi kabajaadha qalbiitti guuta.Islaamumman qajeelfamaa fi sirreeffama irraa xiqqaa fi guddaas irratti kakaasu malee hin dhiifne, waan fokkataa immoo, ykn badaa kamuu isa irraa sodaachisee, karaa isaa irraa deebisu malee hin dhiifne.
Sanaan warri dubbii isaa guddisan, mallattoowwan isaa gadi dhaaban irra gammadaa namaa ta'an, akkasumas namuusa lubbuuti fi babbareedoo haalaa irrattii fi haalowwan gaggaarii irratti ishee leenjisuu keessatti irra ol fuudhamaa sadarkaa keessatti ta'an, dhihoo fi fagoon, akkasumas deeggaraa fi mormaan waan sana ragaa isaaniif baha.
Haala muslimoota amantii isaanii keessatti dantaa hin qabnee, kanneen karaa isaa kan sirrii ta'e irraa garagalan ilaaluun qofti immoo haqa irraa wahuma tokkollee keessatti hin taane, inumaayyuu innumti mataan isaatuu miidhaadha.
Xumura irratti isheen tun waamicha nama muslima hin tahin hundaafi, akka islaamummaa beekuu fi isatti seenuu irratti bololaniif.
Nama islaamummaatti seenuu barbaadu irra wanti barbaadamu dhugaan gabbaramaan Rabbiin malee akka hin jirree fi Muhammad -nagaa fi rahmnni irratti haa jiraatu- ergamaa Rabbii ta'uu isaanii ragaa bahuu malee homaa isa irra hin jiru.Akkasumas amanataa irraa waan isaan waan Rabbiin isa irratti dirqama godhe ittiin dirqama ba'atu ni barata.Hanguma barachuu fi hojjachuu dabaluun gammachuun isaa dabaltee, sadrkaan isaa Rabbii isaa biratti ol ta'a.