×

Barnoota dubartii muslimaa (afaan oromoo)

qophii: Jamaaal Muhammad ahmad

Description

Sagantaan kun barnoota dubartii muslimaa kan akkaa waayee xahaaraa, dhiiga baatii fi dayuumsaa, barnoota hijaabaa (hagooggii) fi kkf uf kessaa qaba.

Download Book

Barnoota Dubartii Muslimaa.

Qophessaan

Shekh Jamaal Shekh Muhammad (Abbaa Faaximah)

Seensaa

بسم الله الرحمن الرحيم

الحمد لله رب العالمين الصلاة والسلام على رسول الله وعلى آله وصحبه

Diin Islaamaa keysatti dubartoonni iddoo guddaa qaban. Akkasuma diin kun diin mirga ilma namaa kabaju. mirga dubartiitis seera biyya kamiyyu caalaa kabajee jira. Kabajaa isaaniitiif hijaabatti (hagooggitti) isaan ajaje. Rabbiin s.w. akkana jedha.

ﭽ ﮝ ﮞ ﮟ ﮠ ﮡ ﮢ ﮣ ﮤ ﮥ ﮦ ﮧﮨ ﮩ ﮪ ﮫ ﮬ ﮭ ﮮﮯ ﮰ ﮱ ﯓ ﯔ ﯕ ﭼ الأحزاب: ٥٩

"Ati yaa ergamaa kiyya jaartiiwwan teetiin jedhi, dubbarran teetiinis, dubartoota muslimaatiinis, sheedara isaanii gad hagooggadhaa jedhiin. Santu dhihoodha beekkaamuufi miidhamuu dhabutti. Rabbiin araaramaa tola oolaa tahee jira" suuraa ahzaab 59.

Kanaaf anneen biraa waayee isaan laalchisu keysatti barnoota gayaa lafa kayee jira. kunoogaa kitaabni keenya kun waayee kanaaf barnoota guddaa qaba. muslimtoonni hundi akka dubbiftanii, barattanii, ittihojjattan kabajaan isin afeerra. -yeroo hedduu obboleeytiiwwan teenya kabajamtuu kan diin barachuufii hojjachuuf ciminaan sosso'an garra. Alhamdu lillaah kun hedduu nugammachiise. Kanarraa kaanee nutis waan tokko barnoota isaan laalchisurra qopheeysuu yaanne. Akka karaa salphatti hubataniif jennee afaan keenya (afaan oromoo) tiin qopheysuu filanne. yeroo, humnaafii, qabeenyas gumaachinee, kunoo Rabbitti gargaarsifannee qopheysine.

Obboleytii teenya hundaa tan bartee itti hojjattee irraa faaydoytu, Rabbi haagodhu, Nus warra Rabbiin irraa jaalate nu haa godhu.

Obboleessa keysan-

Shekh Jamaal shekh Muhammad abbaa xaalib.

[email protected]

00966 505697461 Riyadh sawdii arabiyaa.

Seenaa dubartoota bebbeekamoo.

Egaa muslimtoota

Ummata dur keysattis yootahe dubartoota seenaan diin isaan haasawu hedduutu jiran. Akka fakkiitti,

1- haadha nabi muusaa tan muusaa yeroo deyse adawwii ilmaan biyya sanii fixxu jalaa baasuuf Rabbiin sanduuqa kaayii bahratti darbi jedheen, tole jetteeti darbite. Rabbiin akkuma waadaa isii seenetti ajjeechaa jalaa nagaya baasee booda isiif deebise. Ilmi isii muusaan ganda mootichaatti (fir'oownaatti) qananiee akka guddatu godhe. Boodas nabiyyi isa godhe. Rabbiin zaalima (fir'oowna) san buqqaasee muusaa dhaalchise. Rabbiin waayee kanaa yogguu Qur'aantti dubbatu akkana jedhe.

ﭽ ﭞ ﭟ ﭠ ﭡ ﭢ ﭣﭤ ﭥ ﭦ ﭧ ﭨ ﭩ ﭪ ﭫ ﭬ ﭭ ﭮﭯ ﭰ ﭱ ﭲ ﭳ ﭴ ﭵ ﭶ القصص: 7

"Haadha muusaatti beysisa goone isa harma hoosisi yogguu isarratti sodaatte bahratti darbi hinsodaatin hinyaaddawin nuti isa gama kee deebisoodha, ergamtootarraa isa taasisoodhasi." Suuraa qasas aayaa 7.

2-Aasiya jaartii firoownaa, ta towhidarratti lubbuu isii wareegama kafalte. kan mootichi zaalimtichi fir'owna qaama qullaa shikaalaan harkaa miila lafatti dhawee gocha suukanneessa irratti raawwatee ajjeese, quraana suuraa tahriim aayata11tti seenaan isii ibsee jira.

ﭽ ﮬ ﮭ ﮮ ﮯ ﮰ ﮱ ﯓ ﯔ ﯕ ﯖ ﯗ ﯘ ﯙ ﯚ ﯛ ﯜ ﯝ ﯞ ﯟ ﯠ ﯡ ﯢ ﯣ ﯤ ﯥ ﭼ التحريم: ١١ .

Rabbiin warra amananiif jaartii fir'oownaati fakkii godhe, yogguu isiin jette –yaa Rabbii kiyya sibiratti jannata keessatti mana naaf ijaari. Fir'oownaafii hojii isaa jalaa nagaya na baasi, orma roorriftootarraa nagaya nabaasi." Suuraa tahriim 11.

3-Maashixaa joollee firoowna guddistu, tan hadiisa kessati dhufte.

4- Jaartii imraan (haadha maryam) akkoo Nabi iisaa, tan ilmoo garaa qabu (maryam) osoo hindayin rabbif qodhaa gootee diiniif kennite, yogguu deyses masgida geysite kennite. Kanas qur'aanni Akkatti ibse.

ﭽ ﮡ ﮢ ﮣ ﮤ ﮥ ﮦ ﮧ ﮨ ﮩ ﮪ ﮫ ﮬ ﮭ ﮮﮯ ﮰ ﮱ ﯓ ﯔ ﯕ آل عمران - 35

"(yaadachiisi) yeroo jaartiin imraan jette –yaa Rabbii kiyya ani waan garaa kiyya keessaa kana qodhaa siif godhe ,qulqulleesse narraa qeebali atii kadhageessu ka beeytu taatee jirta" suuraa aala imraan aayata 35.

5-Mariyam (hadha nabi iissaa)

Isiin tan osoo isii dubraa kana dhiirti isii hin qunnamin rabbiin dandeettii isaatiin nabi iisaa akka deessu ajajee, deesse. Kanas qur'aanni suuraa tahriim aayata 12 tti dubbate.

Egaa jarreen kun warreen diin keessatti sadarkaa guddoo qabaachuudhaan qur'aanni seenaa isaanii faaruun dubbatu kessaayi. Akka ummata keenyaattis yoo tahe.

6 - Aayyoo khadiija ﷺ‬.a. Haadha muimintootaa (warra nabii kenyaa). hangaftittii tan lubbuu isiitiifii qabeenya isiitis nabiif gumachitee diin kana wajji gad dhaabde.

7-Aayyoo Aaishaa ﷺ‬.a. warra nabii tan hadiisoowwan kumoota hedduu ummata barsiisuun beekamtu.

8- Faaximah ﷺ‬.a.Intala Nabii keenyaa s.a.w. haadha hasaniifii huseen.

warra sadarkaa guddoo qaburraayi. Yaa dubartoota muslimaa! isinis warra seenaa diin galmeysisisu Rabbi isinhaagodhu.

Eegaa.

Akkuma uumaan namaa dhiiraafii dubartii waldhabdutti, amantiin teenya waan isaan laalchisu hundaa keysatti dubartootaafis seera gayaa keeysee jirti.Tanaaf mata-duree shanan asiigadii kana filannee barnoota isaa bal'inaan isinii dhiheysina.

1-Seera Xahaaraa (qulqullina).

waayee dhiigaa. Dhiigni dubartitti dhufu sadihitti qoodama, sunis. 1-Heydii (daraaraa baatii),

2-Istihaadah (dhiiga dhukkubaa) fii.

3- Nifaas (dhiiga dayuumsaa, ulmaa) ti. isaan sadeenuu seera mataa isaanii dandaye qaban. Heydii

1-irra jarjaraan isaa----umrii waggaa 9tti eegala .

2-Irra hedduu-umriiwaggaa14-15jalqaba.

3-Yeroon dhaabbatiinsa (citiinsa) umrii waggaa 45-60 tti taha.

4-Yeroon inni (heydiin) isirra turu.

-gadi aanaan-----------saa'aa 24.

-jiddu galeessi--------guyyaa 6-7.

-irra dheeraan--------guyyaa 15.

5-yeroon qulqullinaa heydii lameen jidduu.

-gadi aanaan------------ guyyaa 15.

–jiddu galeeysi-----------guyyaa 23-24.

–irra dheeraan isaa------guyyaa 29. 6-Dhiiyni guyyaa 15 ol yoo ture heydii osoo hitaane istihaadaa tti laalama. 7-Dhiiyni intala ulfaa (garaa qabdu) itti dhufu gosti hundinuu kandhukkubaati. 8-Intalti dhiiyni dhukkubaa itti jiru salaatuun isirratti waajiba (dirqama). Garuu tokko tokkoo salaataa irratti wuduu'aa godhachuu isii barbaachisa. 9-dubartiin takka hajjiifii umraa yookaan soomana guuttachuuf qoricha yeroof heydii irraa dhaabu fudhachuu nidandeessi. yoo kan rakkoo fayyaa isitti hin finne tahe. 10-Intalti heydiin isirraa dhaabbachuu jiini adiin itti dhufuudhaan yookaan qaamni isii goggoguun beeyti. 11-dhiiyni guyyaalee dur itti baramee dursee takki booda aanee dhufuu waan guyyaa 15 san hin dabriniin heydiidhatti laalama. 12- yeroo heydiidha tiifii nifaasii wanni dhowwame.

1-salaata,

2-soomana,

3-xawaafa,

4-qaraatii qur'anaa,

5-kitaaba qur'aanaa tuquu,

6-masgiida keysa taaúu,

7-walqunnamtii saalaa godhuu,

8-nikaaha hiikamuu dha.

yeroo istihaadaa garuu hin dhoowwamu.

13-Dubartiin takka yoo osoo aduun hin seenin heydi fii nifaasirraa qulqulloyte zuhriif asrii guyyaa sanii salaatuu qabdi.

yoo osoo hin fajarin (hibari'in) qulqulloyte maghriibaa fii ishaa'ii halkan sanii salaatuu qabdi.

14-Dubartiin yeroo heydii fii nifaasirraa qulqulloyte soomana malee salaata (Kan lakk 13 ibsame malee) salaatoowwan hedduu kaan qadaa hin kafaltu.

15-intalti takka yoo yeeroon salaataa isii qulqulluu itti geysee boodaan salaata jettee osoo teysuu heydiin yookaan nifaasiin itti dhufte salaata san qadaa hin kafaltu. 16-Dubartiin yeroo heydiifii nifaasirraa qulqullooytee dhiqattu rifeensa mataa isii hiikkachuu qabdi. dhiqannaa janaabdaatiif ammoo hin hiikkattu. 17-intalti istihaadaan itti jiru nisoomantisi nisalaattis garuu salaata hundaaf wuduu'a godhachuu qabdi. 18-intalti yoo ulfi guyyaa 80 duratti irraa bahe diigni sun dhiiga istihaadatti laalama.

Yoo guyyaa 90 booda tahe nifasii taha. 80 fii 90 jiddutti ammoo yoo wanni garaa bahe sun fakkii namaa qabatte dhiigni sun nifaasiiti laalama. yoo karoora namaa hin qabaatin istihaadaa itti murteyfama.

2-Seera Uffataa (hijaabaa).

19-hagooggii (hijaaba) uffachuun dirqama, hijaaba guutuu jeechuun jalaabiibaafii niqaaba fuulaa, ammas abaayaa guutuu qaamaatti uffachuu jechuudha. Hijaaba namni uffate sawaaba guddaa argata, kan dhiise ammoo qixaaxa guddaatu isa eeggata.kanarratti Rabbiin s.w. akkana jedha.

ﭽ ﮝ ﮞ ﮟ ﮠ ﮡ ﮢ ﮣ ﮤ ﮥ ﮦ ﮧﮨ ﮩ ﮪ ﮫ ﮬ ﮭ ﮮﮯ ﮰ ﮱ ﯓ ﯔ ﯕ ﭼ الأحزاب: ٥٩

"Ati yaa ergamaa kiyya jaartiiwwan teetiin jedhi, dubbarran teetiinis, dubartoota muslimaatiinis, sheedara isaanii gad hagooggadhaa jedhiin. Santu dhihoodha beekkaamuufi miidhamuu dhabutti. Rabbiin araaramaa tola oolaa tahee jira" suuraa ahzaab 59.

uffanni hijaabaa ulaagaalee asiigadii kana guutachuu qaba.-

A-kan qaama isii hunda hagoogu tahuu.

B-bal'aa qaamatti hin maxxanne tahuu.

C- Furdaa keysaan qaamni hinmulanne tahuu.

D-Kan uffata dubartii kaafiraa hin fakkaanne tahuu.

E-Kan uffata dhiiraa hin fakkaanne tahuu.

F-Kan shittoo hin dibamin tahuu.

G-Kan suuraa lubbu-qabeeyyii qabu tahuu dhabuu.

20-Dubaartiin muslimaa mana isii keysatti tottolfattee miidhaguufii faaya adda-adda morma harka gurraafii quba isiitti uffachuu ni dandeessi.kuni inumaa abbaa mana isii biratti akkaan barbaachisaadha. Shittoo,hinnaa, kuulii, fii kkf godhattee bareeduu qabdi. Garuu asirratti waanni dhoowwame nijira. Sankeysaa warreen abaarame kanneeni. =tan rifeensa isii kan biroo itt guduunfitee dheereyfattuu fii tan dheereysituuf. =nyaara ijaa tan haaddatuu fii tan haadduuf.

=tan irgoo ilkee fi bakka birootis tumattuu fii ta tumtuuf.

=tan ilkee kaarruu tolfattuu fii tan tolchituuf. Kkf hundinuu abaaramanii jiran. Dilii gurguddoodha, irraa fagaachuu barbaachisa.

3-Seera Bultii ijaaruu (Haadha manaa) tahuu.

21-intalti heerumtee bultii jaarte takka haqa jaarsaa Tan akkaa isa jaalachuu, kabajuu, ajaja isaa godhuu, yeroo inni isitti haajamee yaame tole jettee dhaquu fii kkf. guutuun dirqama. 22-akkasuma gurbaan fuudhuu haqa haadha mana isaa guutuu qaba, sunis mahrii, masruufa, mana jireenyaa, uffata, jaalalaa, kabajaa fii kkf sirritti guutuun dirqama isaati. 4-Seera Hiikkaa (Xalaaqa) fii iddaah.

23-Rakkoo mul'attuu malee akkanumatti hiikkaa gaafachuun dhoowwaadh,diliidha.

24-Dubaartiin hiikamtee osoo 2ffaa hin heerumne iddaa lakkaawwachuu (kophaa turuu ) n dirqama-

kunis gosa dubartiitiin waldhaba. A -taheydiin itti dhuftu yoo taate hanga yeeroo sadi itti deddeebitutti.

B–tan joollummaaf yookaan guddinaaf heydiin itti hindhufne yoo taate baatii sadih, C -tan ulfa garaa qabdu yoo taate hanga deysutti, iddaa lakkaawwachuu.

5-Seera Gadda (Azaa baachuu gufufaa).

25-nama du'e iyyanii booyaa faarsuun badii guddoo abarsatti nama geysitudha. irraa fagaachuutu barbaachisa. 26-akkasuma yeroo namni du'e booyaa uf abaaruu, uffata (mormoo) dhoosuun, rifeensa mataa haaddachuun akka kuffaaraatti gurraacha uffachuun hundinuu dhowwaadha abaarsa rabbiitti nama geeysa. 27-Dubartiin jaarsi irraa du'e iddaan isii (yeroon osoo hin heerumne turtu) baatii 4 fii guyyaa 10 taha. Ta ulfa garaa qabdu yootaate garuu hanguma deysutti, dheerattuu gabaabbattuu.

28-dubartiin abbaan manaa irraa du'e yeroo iddaa kana keysatti ihdaada gadduu (azaa baachuu, gufufu) isii barbaachisa. Kana jechuun tottolfachuu waan akka shittoo, hinnaa, kuulii fii kkf irraa fagaachuudha. 29-yeroo gaddaa kana manuma jirtu san keeysa turuu qabdi. manarraa bahuun dhowwaadha yoo rakkina jabaaf taate malee.

30-jaarsa isii malee du'a nama biroorratti guyyaa sadi caalaa gadduun dhoowwaadhaa.osoo ilmoo yookaa abbaa isii taatellee.

6 -Seera adda addaa.

31-intalti takka fira isii (Rahima) kan dhiiraatiin wajji malee karaa amna deemuun dhowwaadha. Rahima yommuu jennu nama isiin irraa hin hijaabbanne jechuudha. Jaarsa isiitiifi fira isii kan isii fudhuun dhowwaadhaati jechuudha.

Isaanis kanneen kana:-

1-jaarsa isii.

2-Abbaa isii.

3-Abbaa jaarsa isii.

4-ilma isii.

5-ilma jaarsa isii kan jaartii biro.

6-obboleessa isii.

7-ilma obboleessa isii.

8-adeera (abbeeraa, wasiila) isii.

9-eeysuma isii.

10-obboleysa harma tokko wajji hodhan.

32-dubartiin takka nama dhiiraa ka alagaa (ajnabiyyii) wajji kophaa (khalwaa) bahuun dhowwaadha. 33-dhiiraa-dubartiin alagaa gurguddoon walitti makamanii walkeysa tattaa'uun bakka takkattillee hin hayyamamu.

-أمهات المؤمنين

(زوجات الرسول صلى الله عليه وسلم)

Haadha Muimintootaa

(warren nabii keenya s.a.w.).

senaa haawwan mu'mintootaa

(warreen nabii keenyaa s.a.w).

Warreen nabii keeenyaa heddumminni isaanii 13

isaanis Kunoo kanneeni 1-Aayyoo khadiijaa binti khuweylid.warra isaa tahangafaati. isaa umrii wag25 isi wagggaa 40 walfuudhan. ilmaan isaa 6n ibraahiim malee jiran isiitu daye. yeroo dura nabiin ergamu hedduu isa gargaarte. Ammas dura nama isatti amaneeti, osoo isiin jirtuu isii malee hin fuune. Sadarkaa isiirraa jibriil nabii keenyan akkana jedhe ''salaamtaa rabirraafi narraa isirratti qara'i, mana jannataatiin isii gammachiisi''. jedheen. Guyyaa 10/9/3ffaa hijraa dura makkatti duute. hajuun bakka jedhamtutti awwaalamte. 2-Aayyoo Sawdah zam'ah-ramadaanuuma wag3ffa hijraa dura, san keysa duá kadiijaa booda guyyaa muraasa tti fuudhe.Dirhama 4000 mahrii godheef.Duuti isii baatii shawwaal hj54 tti.

3-Aayyoo Aa'ishaa Abiibakri.Nabiyyummarraa waggaa4tti dhalatte.irra jaalatamtuu warreen isaati, isii qofa dubra fuudhee.Isii umrii waggaa6ti hijraa dura waggaa 2tti fuudhe, garuu hijraa booda jiá 8ti isii umrii waggaa9 arusa seene.Duuti isii guyyaa arbiáa 17/9/58. Janaazaa isii abuu hureyraa irratti salaachise baqiiítti awwaalamte

4-Aayyoo Hafsaa Umar ibnul khaxxaab,

Ergamuu naniitiin dura waggaa 5tti dhalatte.

Batii shaibaanaa hijraa booda baatii30ffatti nabiin isii fuudhe. Duuti isii baatii sha'ibaanaa waggaa45tti.

5-Aayyoo zeynzb kuzeymah-. 6-Aayyoo hindi Binti umayyaa (ummu salamah) nabiin isii kan fuudhe 10/4hj. Duuti isii 10/62hjr. 7-Aayyoo Zeynab binti Jahshii (ummul hakam) fuuni isii 1/12/4hjr, duuti 20hjr ,dubartoota isaa keysaa tan dura duute isiidha .

8-Ayyoo juweyriyyaah binti haaris ,lola mureysi'iitti booji'amte. qooda saabit ibnu qeysittaate. ziqaya uqiyaa 9tti kitaabaa isii goonaan nabiin irraa kafalee fuudhe. hijra 6ffaa,isii umrii waggaa 20,nabi heerumte. duuti isii 3/56 hjr.

9-Aayyoo Riihaana binti zeydi, fuuni isii 1/6 hjraati. Hajji dhaammannaa booda duute, baqii'itti awwaalamte. Eega kadiijaati warreen jiruu isaatiin duute isii qofa.

10-Aayyoo-ummu habiibaa. Najjashiitu mahrii dinara 400 itti godhe nabiin fuusise, ergeef, fuuni isii 1/7 hjr. Duuti isii 44 hjr.

11-Aayyoo safiyyaa binti huyayyii Booji'amtoota kheybarirraayi, nabiin bilisoomsuu isiiti mahrii godheefii fuudhe, yoggus umriin isii waggaa 17. Duuti isii 9/50hjti. Baqii'itti awwaalamte. 12-Aayyoo maymuuna binti alhaaris fuuni isii 10/7 hjr, sarif bakka jedhamtutti duute 51hjr. 13Aayyoo maariya alqibxiyyah

Darsiin teenya Asirratti xumuramte. galanni Rabbiif haa galuu.

Dhumarratti

Warra diin isaa baratee walbarsiisee sirritti itti dalagee jaalala Rabbii argatu nuufii isinis Rabbi nuhaa godhu. ibaadaalee hunda Rabbi nurraa haa qeebalu.

Yoo yadaa fi gaafii qabaattan

mobile -

00966 505697461 yookaan email [email protected] irratti yaada keessan nuuf kennaa.

galatoomaa wassalaamu aleykum warahmatullaahi wabarakaatuhuu.

والحمد لله رب العالمين

وصلى الله وسلم على نبينا محمد وآله وصحبه أجمعين.

معلومات المادة باللغة العربية